Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa faayidaa waloo fi walitti hidhamiinsa naannawaa bu’uura kan taasiiseedha -MDhA

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC) – Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa faayidaa waloo fi walitti hidhamiinsa naannawaa bu’uura kan taasiise ta’uu hubatamuu akka qabu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.

Gaaffiin Karra Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma birmadummaa buufata argachuu ta’uu isaan, gaaffii ishee marii, karaa filannoowwan nagaa fi tattaaffii dippiloomasiin cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mizgaanuu Argaan ibsaniiru.

Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuun faayidaa isheerra darbee nageenyaa waaraa naannawichaa fi fayyadamummaa waloof gumaacha olaanaa qabaachuu dubbataniiru.

Biyyattiin tumsaa fi misooma hundagaleessa naannawichaaf hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhimmi karra galaanaa dhimma misooma waloo ta’uu himaniiru.

Imaammanni Hariiroo alaa Itiyoophiyaa ollaa gaarii, fayyadamummaa waloo, michummaa fi tumsa irratti kan hundaa’e ta’uu kaasuun, kunis cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.