Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiilee uummataa ijoo ta’an adda baasuun duraa duubaan hiikuuf ni hojjenna – Araggaa Kabbadaa

Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Gaaffiilee uummataa ijoo ta’an adda baasuun duraa duubaan hiikuuf kan hojjetamu ta’uu Pireezidaantiin naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaan ibsan.

Kaabineen naannoo Amaaraa haala waaqtaawwaarratti mari’ateera.

Obbo Araggaan naannichatti labsii yeroo ariifachiisaa labsame hordofee Komaandi Poostiin gurmaa’ee hojiilee nageenyaa hojjetaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Sababa rakkoo nageenyaa uumameen dhiyeessiwwan galtee qonnaa gufachuun misooma qonnaarratti dhiibbaa uumuu kaasaniiru.

Gaaffiin uummataa kan deebi’u nageenyi mirkanaa’uun gara hojii misoomaatti deebi’uun yoo danda’ame qofa ta’uu eeraniiru.

Naannichatti nagaa buusuuf hojiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Naannichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf ummanni Raayyaa Ittisaa fi caasaalee nageenyaa cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeessuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannoo Amaaraarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.