Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiilee ummataa deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetama – Aadde Alamituu Umood

Finfinnee, Hagayya 9, 2016 (FBC) – Gaaffiilee ummataa deebisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu Pireezidaantii Naannoo Gaambeellaa ta’uun kan mudaman Aadde Alamituu Umood ibsaniiru.

Aadde Alamituun Itti gaafatamummaa Ummataa itti kenname haqaa fi amanamummaan ba’uun naannicha boqonnaa haaraatti ceesissuuf waadaa galaniiru.

Nageenya waaraa mirkaneessuu fi hojiilee misooma damee hundaan eegalaman Itti fufsiisuuf ciminaan kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Ummanni naannichaa jijjiirama eegalame milkeessuuf gumaacha irraa eegamu akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.

Gaaffii bu’uuraa nageenyaa fi misoomaan walqabatee jiru furuuf qooda fudhattoonni hundi murannoon hojjechuu akka qaban dubbachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Aadde Alamituu Umood har’a Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Pireezidaantii Naannoo Gaambeellaa taasiisuun mudamuun kan yaadatamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.