Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiilee misoomaa osoo hin deebi’in bubbulan deebisuuf hojjetamaa jira – Obbo Dabalee Qaabataa

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2017 (FBC) – Jilli Komishinara Komishinii Gumrukaa Obbo Dabalee Qaabataan durfamu Magaalaa Najjootti hawaasa waliin mari’ateera.

Jilichi hojiilee misoomaa fi Nageenyaa ilaalchisee jiraattoota magaalaa Najjoo fi naannawaa ishee waliin mari’ateera.

Nageenya waareessuun gaaffilee misoomaa waggootaaf osoo hin deebi’iin jiran deebisuuf kan hojjetamu ta’uu Obbo Dabaleen himaniiru.

Gaaffii ijaarsa Buufaata Xiyyaarra Magaalaa Najjoo waggootaf ture deebisuuf Koreen ijaarmee gara hojitti galuuf adeemsarra jiraachuu himaniiru.

Madda hayyootaa kan ta’e Manni Barnoota Sadarkaaa 2ffaa Najjoo umrii dheeraa lakkoofsisuun walqabatee jijjiggaa jiru haaromsuuf Birrii miiliyoona 30’n hojiin egalee eeraniiru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.