Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiilee hawaasummaa fi bu’uuraalee misoomaa lammmiilee deebisuuf hojjetama jira-Obbo Kadir Juhaar

Finfinnee, Waxabajji, 29, 2015 (FBC)- Mootummaan gaaffiilee hawaasumma fi bu’uuraalee misoomaa lammiileef deebii laachuuf karoora damee hedduu bocuun socho’aa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadir Juhaar ibsan.

Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti sosochiin kaffaltii gibiraa mata duree ‘’Gibirri Kabaja Biyyaaf “jedhuun gaggeeffamaa jira.

Obbo Kadir Juhaar, mootummaan gaaffiilee hawaasummaa fi bu’uuraalee misoomaa lammiilee deebisuuf karoora damee hedduu bocuun socho’aa jiraachuu ibsaniiru.

Galii bulchiinsa magaalichaa dabaluuf hojiilee hojjeetamaniin bu’aan argamuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan magaalichatti baatiiwwan 11‘n darbanitti galiin Birrii biiliyoona 3 argamuu eeraniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Galiiwwaanii Aadde Masarat Masqalee gamaa isaaniin, dhabbbileen galii walittiqaban sirna kaffaltii gibiraa teeknooloojiin akka deeggaramuu fi seera qabeessaan walitti qabuun akka barbachisuu ibsaniiru.

Naasir Yuusuuftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.