Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiilee dubartoota deebisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Mudde 2, 2016 (FBC)- Fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf bifa gurmaa’een gaaffiilee dubartoota deebisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Federeeshiniin Dubartoota Oromiyaa beeksise.

Walta’iinsa Yuunivarsitii Naannoo Oromiyaa fi Federeeshiinii Dubartoota Oromiyaatiin leenjiin hoggansa dubartootaa cimsuu kennamuu eegaleera.

Leenjicharratti, hoggansi jaarmiyaalee dubartootaa Naannoo Oromiyaa sadarkaa Biiroo hanga Aanaaleetti argaman kuma 1 fi 100 ol hirmaachaa jiru jedhameera.

Pireezidaantiin Federeeshinichaa Injiinar Tigisti Asfawuu akka jedhanitti fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf karaa gurmaa’een gaaffii dubartoota deebisuu irraatti xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Leenjichi yeroo riifoormiin gurmaa’ina dubartoota Oromiyaa hojiirra oolfamaa jirutti kennamuun gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Yuuniivarsitiin Naannoo Oromiyaas fedhii dhaabbilee bu’uureffachuun leenjii kennuun hoggansa gahoomsuuf hojjachaa jiraachuu Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Garramoo Hulluuqaa ibsaniiru.

Mahaammad Guddataatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.