Fana: At a Speed of Life!

Gaaffii uummataa deebisuuf hundi waan irraa eegamu hojjechuu qaba-obbo Oordiin Badrii

Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) – Gaaffii uummataa deebisuuf hundi waan irraa eegamu hojjechuu qaba jedhan preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badrii.

Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa naannichaa marii uummata naannichaa waliin yeroo dhiyoo booda gaggeessan hordofee hoggantoota olaanoo naannichaa waliin mari’ataniiru.

Wadaa mootummaan yeroo filannoo uummataaf seene gara hojiitti hiikuuf  hojii eegaluu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti walitti qabaan koree dhaabbii nageenyaa fi dhimma Alaa Dooktar Fatihii Mahaadii ibsaniiru.

Waltajjii marii gaggeeffamuun rakkooleen bulchiinsa gaarii, bu’uuraalee misoomaa fi gaaffileen uummataa kan itti adda ba’an ta’uu kaasaniiru.

Preezdaantiin naannichaa obbo Oodriin gamasaaniin waltajjiin marii gaggeeffamu bu’aa eegamu akka fiduuf hundi ga’eesaa ba’achuu akka qabu himuu isaanii miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.