Fana: At a Speed of Life!

“Gaafa nama badhaasu danuu nama hindhamaasu”

Finfinnee, Hagayya 4, 2015 (FBC)-Hindiitti, dubartoonni hojjettootaa qulqullinaa ta’an 11 ta’aniif lootoriin Doolaara miliyoona 1.2’n carrooman.

Dubartoonni 11 Kibba Hindii Bulchiinsa Keeralaatti Dhaabbata hojii naannawaa qulqulleessuurratti bobba’e keessatti miindeffamanii kan hojjetan yoo ta’u, hundi isaanii baatii Waxabajjii darbe ture tikeetaa lootorii bitatanii turan.

Gatiin lootorii tokkoo Ruupii Hindii 250 yoo ta’u, isaan keessaa gatii kanaan lootoricha bitachuuf kan humna qabu hinturre.

Wayita kanatti hundi isaanii maallaqa walqixaa walitti buusuun bitachuuf waliigalan.

Ta’us, isaan keessaa tokko qooda maallaqa buusuu qabdu buusuuf waan hindandeenyeef, bittaa lootorichaa keessatti akka dabalamtu waliigaluun, kurnaan isaanii Ruupii 25 walitti buusuun lootoricha bitatan.

Guyyaa isaa eeggatee lootorichi wayita ba’us, waan argatanirraa waloon maallaqaa walitti buusiin kan bitatan carraa Ruupii miiliyoona 100 yookaan Doolaaraa miiliyoona 1.2 injifachuu Aljaziiraan gabaaseera.

Hojjettoonni qulqullinaa kunneen carraa kanaan maallaqa olaanaa argatanillee, hojii isaanii duraa akka hindhiisne dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.