Fana: At a Speed of Life!

Gaachana Ummataa kan ta’e Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa madaalu ijaaraa jirra-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Mudde 5, 2016 (FBC)- Gaachana Ummataa kan ta’e Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa madaalu ijaaraa jirra jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa ittisaa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan marii Paanaalii guyyaa hundeeffamaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Waggaa 88ffaa sababeeffachuun qophaa’erratti, waggoota 27 keessatti humna qilleensaa ijaaruun hindanda’amne waggoota sadii keessatti qophaa’ummaa loltummaa isaa kan mirkaneessee fi Itiyoophiyaa akka madaalutti ijaarraa jirra jedhan.

Jijjiirama biyyaa hordofee riifoormii gaggeeffameen raayyaa walabaa fi jaalala biyyaa qabu, akkasumas, raayyaa ga’umsa olaanaa qabuu fi teeknooloojiin badhaadhe ijaarraa jirra jedhaniiru.

Humnoota diinota alaaf ergamaniin walitti bu’iinsi gidduu keenyaatti uumamus Raayyaa Ittisaa dhalootatti darbu horachaa jiraachaa jirraa jedhaniiru.

Kana malees Humni Qilleensaa hidhannoo loltummaa ammayyaa’aa hidhatee diinota keessaas ta’e alaa dhaabuu danda’u fi gaachana ummataa ta’ee akka itti fufuuf hojjechaa jiraachuu dubbachuu ragaan Rayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.