Fana: At a Speed of Life!

Fuulduratti dameen Turiiziimii diinagdee fi carraa hojii uumamuuf bakka olaanaa qaba-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebla 8, 2015 (FBC)- Damee tuuriizimii seektara diinagdee fi carraa hojii uumamuuf keessatti bakka olaanaa akka qabu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, egereen diinagdee Oromiyaa seektara tokko ykn lama qofa irratti kan hinhirkanne ta’uu, bu’aawwan gama qonnaa fi indaastirii maanufaakchatiingiin dhufeera.

Seektara tajaajilaanis akka Naannoo Oromiyaatti dameen Turiziimii daran dadammaquu yaadachiisan.

Carraalee guddinaa galmaa’an beekamtii fi badhaasa sadarkaa idil addunyaa kan argamsiisan ta’uu himuun, dame tuuriizimii irratti ciminaan hojjechuu akka barbaachisu kan akeeku ta’uu ibsaniiru.

Magaalaa Bishooftuu magaalaa giddugala Turiiziimii taasisuuf hojiin hojjetame milka’ina olaanaa galmeessuu eeraniiru.

Waggoottan itti aanaanittis dameen tuuriiziimii seektara diinagdee fi carraa hojii uumamu keessatti bakka olaanaa akka qabaatu himuun kana milkeessuufis mootummaan karooraa guguddaa bocuun hojjechaa jira jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.