Fana: At a Speed of Life!

Furmaata yeroorraa faayidaan waaraa hin argamu – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebla1, 2015 (FBC) –Raayyaa Ittisaa bakka hedduutti gurmaa’e caalaa Raayyaan giddu gala tokko jalatti sirnaan gurmaa’e caalmaatti cimaa ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsaniiru.

Sirna waraanaa keessatti Raayyaan Ajaja tokkoo fi guddu gala tokkoon gurmaa’e jabaa ta’uu hayyoonni waraanaa Akkaadaamii keessa darban kan himan ta’uu eeraniiru.

Lakkoofsaan hedduu ta’uun Gurmaa’iinsa Raayyaa Ittisaa ga’een qabu jiraatus lakkoofsichi ajaja cimaa, Dippiloomaasii jabaa, Tarsiimoon gurmaa’aa, meeshaalee waraanaa haalli yeroo barbaadu kan hidhatee fi leenjiin kan deeggarame yoo hin taane dandeettiin raayyichaa amansiisaa ta’uu hin danda’u jedhan.

Ga’umsi Raayyaa Ittisaa kan madaalamu hedduminaan osoo hin taane ga’umsaa fi qulqullinaan ta’uu eeraniiru.

Ga’umsi Raayyaa kan madaalamu Doktoriinii, Leenjii, hidhannoo fi gurmaa’insa Ajajaarraa yoo ta’u, giddu galeessummaan waraanaa ga’umsa Raayyaa Raayyaa Ittisaaf daraan murteessaa ta’uu himaniiru.

Biyyoonni wayita yaaddoo nageenyaa fi Tasgabbii muddamaa keessa galan, haalicha karaa dhaabbilee nageenyaa fi Tikaa giddu galeessaan qolachuun yoo hin dandeenye, Milishaa fi humna addaa hundeessuun akkasumas, caasaalee nageenyaa xixiqqaa gurmeessuun sichoo’uuf dirqamu.

Qaamoleen yeroof gurmaa’aan kunneen furmaata yeroo malee furmaata waaraa ta’uu akka hin dandeenye hubatamuu qaba jedhan.

Damee waraanaan qofa osoo hin taane damiilee biroonis dhimmoonni yeroof kaa’aman furmaata waaraa taasisaniin fudhachuun miidhaa fiduu akka danda’u hubachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Yeroo isaa eeguun filannoowwan faayidaa waaraa argamsiisaan iddoo isaanii akka qabatan taasuusuun adeemsa baramaa qofa osoo hin taane tarkaanfii daraan murteessaa ta’uun isaa wal nama hin falmisiisu jedhan.

Raayyaan Ittisaa Ityoophiyaa dursa riifoormiin, amma ammoo waraana irra deddeebiin taasiseen cimee fi jabaatee gurmaa’aa jiraachuu kaasaniiru.

Kana bu’uura taasisuun Humni addaa naannolee hanga danda’ameen Raayyaa Ittisaatti akka makaman hojjetamaa jiraachuu himan.

Kanneen Raayyaa Ittisaatti makamuu hin feene ammoo caasaalee Poolisii Federaalaa fi naannoleetti akka dabalaman filannoon dhiyaachuu dubbataniiru.
Humnoonni addaa naannolee wayita Ityoophiyaa qormaanni mudatetti lubbuu isaanii wareeganiiru, dirqama itti kenname ba’uuf ajjeeffamaniiru.

Biyya isaaniif wareegama barbaachisu kaffalaniiru,dirma itti laatame sirnaan ba’aniiru.Yaa ta’uutii gara fuulduraatti caalmatti biyyattii tajaajiluuf bakka caalmaatti tajaajiluu danda’anitti akkaataa fedhii isaaniin ramadamuun tajaajiluu qabu jedhan.

Dhimma kana ajandaa taasisuun sadarkaan irratti mari’atamaa turuu eeraniiru.

Humnoonni kunneen tajaajila caalu laachuuf leenjii fi barnoota dabalataa fudhachuun barbaachisa ta’uu himaniiru.

Humnoonni kunneen irra deebiin akka gurmaa’aan wayita murteessinu qophii barbaachisu hunda taasiisuuni jedhan.

Murtoo kana tokkummaa sabdaneessaa biyyaalessaa fi nageenya ummataaf jecha wareegama kaffaluunis ta’u hojiirra oolchuun dirqama ta’uu kaasaniiru.

Qaamolee dhimmicha osoo hin hubatin morman hubachiisuuf tattaaffiin kan taasiifamu ta’uu eeraniiru.

Kanneen itti yaadanii adeemsicha gufachiisuuf yaalanirratti garuu tarkaanfii seeraa fudhachuun dirqama ta’uu kaasaniiru.

Kanaafis qophiin ga’aan taasifameera jedhan.

Murtoon kun faayidaa biyyaalessaa argamsiisu tilmaama keessa galchuun hojiirra oolmaa isaaf qaamni hundi tumsa barbaachisu akka taasiisan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.