Fana: At a Speed of Life!

Fulbaana 7 -11, 2016 torbee barnootaa ta’uun ni kabajama – Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Fulbaana 5, 2016 (FBC) – Fulbaana 7 -11, 2016 torbee barnootaa jedhamee kan kabajamu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksiise.

Kalaandaarri waliigalaa damee barnootaa bara 2016 ifoomeera.

Haaluma kanaan Fulbaanni 7 – 11, 2016 torbee barnootaa ta’ee akka kabajamu beeksiseera.

Fulbaana 14, 2016 adeemsi baruu fi barsiisuu kan eegalamu yoo ta’uu, guyyuma kana sagantaan barnoota Raadiyoo fi Teeleeviizyiinii kan jalqabu ta’uu ibseera.

Amajjii 27 hanga Gurraandhala 1, 2016 qormaanni seemisteera jalqabaa kan laatamu ta’uu eereera.

Caamsaa 12 – 23, 2016 Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan kennamu ta’uus himeera.

Akkasumas Waxabajjii 3 – 7, 2016 qormaanni sadarkaa naannawaa kutaa 8ffaa kan kennamu akka ta’e kalaandarri ba’e ifoomseera.

Waxabajjii 17 – 21, 2016 qormaanni seemisteera 2ffaa ni laatama jedheera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.