Fana: At a Speed of Life!

Fulbaana 1 eegalee hojjettoonni Pirooviidanti Fandii fayyadamaa turan karoora Soorama hordofu

Finfinnee, Qaammee 3, 2014 (FBC) – Fulbaana 1 eegalee hojjettoonni Pirooviidanti Fandii fayyadamaa turan hojmaata karoora Sooramaa kan hordofan ta’uu Bulchiinsi Wabii Hawaasummaa Hojjattoota Dhaabbilee Dhuunfaa beeksise.
Dhaabbatichi Baatii Bitootessaa 2014 eegalee labsiiwwan fooyyessuun gara hojiitti galuu Daayrektarri olaanaan bulchiinsichaa Obbo Gammachuu Waayyumaan ibsa laataniin eeraniiru.
Hojjettoonni dhaabbilee dhuunfaa Pirooviidanti Fandii fayyadamaa turan akka gara Sooramaatti galan hojiin qajeelfama baasuu fi labsii fooyyeessuu isa jalqabaa ta’uu himaniiru.
Qajeelfamni kun hojjattoonni karoora hojjattoota dhaabbata dhuunfaatiin hin haguugamne karoora sooramaatiin akka haguugaman kan taasisuu fi maallaqa fandii kuufame gara sooramaatti dabarsuudhaan tajaajila kanaan dura kennamaa ture murteef akka ilaalamu kan dandeessisu ta’uu eeraniiru.
Qajeelfamni kun dhaabbilee dhuunfaa bara 2003 hundaa’anii fi fayyadamummaa Pirooviidanti Fandii isaanii itti fufsiisuuf murteessanii fi hojjettoota karoora Sooramaa dhaabbilee dhuunfaan hin uwwifamnerratti hojiirra kan oolu ta’uu eeraniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.