Fana: At a Speed of Life!

Fooyyessiin Diinagdee Gooroo fuuncaa sonaa fi carraalee gabaa guddisuuf gumaacha olaanaa qaba-Dooktar Girmaa Amantee

Finfinnee, Hagayya 13, 2016 (FBC)- Fooyyessiin Diinagdee Gooroo fuuncaa sonaa fi carraalee gabaa guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen ibsan.

Itiyoophiyaarraa gara gabaa Hindiitti kan eergaman midhaanota zayitaa, omishaalee dheedhii, Jirbii fi bunni carraalee daldala alaarratti qaban ilaalchisuun waltajjiin marii qorannoo biyyootaa lamaaniin qopha’e gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen, qorannichi walitti hidhamiinsa daldalaa biyyoota lameenii kan cimsuu fi Itiyoophiyaan sagantaa fooyyessii diinagdee gaggeessaa jirtuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Fooyyessiin diinagdee gooroos oomishtummaa, fuuncaa sonaa fi carraalee gabaa guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabu himan.

Dabalataan daldala oomishaalee qonnaa biyyoota lameenii gidduu cimsuuf qorannicharratti qaamolee hirmaatan galateeffatanii, qorannichi raawwii daldalaa biyyoota lameen gidduu guddisuuf faayidaa olaanaa qaba jedhan.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindii Aniil Kumaar gama isaaniin, embaasichi daldala alaa biyyoota lameen gidduu cimsuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Daldala midhaanota zayitaa, omishaalee dheedhii, Jirbii fi Bunaa cimsuuf qorannichi gaggeeffamuu himuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.