Fana: At a Speed of Life!

Fooyyessi Imaammata Diinagdee Gooroo Invastimantii kallattii hawwachuuf haala mijataa uumeera – Komishinicha

Finfinnee, Hagayya 10, 2016 (FBC) – Fooyyessi Imaammata Diinagdee Gooroo Itiyoophiyaan taasiifte Invastimantii kallattii hawwachuuf haala mijataa uumuu Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa beekisse.

Haalli mijataan uumame Itiyoophiyaan naannawichatti bakka ga’umsa Invastimatii filatamtuu akka taatu kan gargaaru ta’uu Komishinarri Komishinii Invastimatii Itiyoophiyaa Haannaa Ara’ayaasillaaseen ibsaniiru.

Itiyoophiyaan bara bajataa xumurame Invastimantii kallattii alaarraa Doolaara biiliyoona 3.9 argachuun Afrikaarraa adda duree taateetti.

Hojiirra oolmaan Imaammata fooyyessa diinagdee gooroo kun misooma invastimantiif hiikoo guddaa qabaachuu kaasaniiru.

Invastimantiin kallattii alaa Itiyoophiyaa dabalaa dhufus invastaroonni bu’aasaanii sharafa alaatiin dadhabuunsaanii damee kanaaf hudhaa ta’ee turuusaa ibsaniiru.

Mootummaan guddina dinagdee ittifufiinsa qabu galmeessuun fayyadama lammiilee mirkaneessuuf gara hojiirra oolmaa fooyyessa dinagdee gooroo guutuutti galuu eeramuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.