Fooyyessi diinagdee hunda galeessi hojiirra oolaa jiru Dippiloomaasii diinagdeef si’oomina uumeera – Ministeera Dhimma Alaa
Finfinnee, Sadaasa 26, 2017 (FMC) – Fooyyessi diinagdee hunda galeessi Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu Dippiloomaasii diinagdeef si’oomina uumuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiise.
Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Getaachoon dhimmoota Waqtaawaa, Naannawaa fi idil addunyaarratti ibsa kennaniiru.
Fooyyessi Imaammata Diinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu Dippiloomaasii Diinagdeef si’oomina haaraa uumuu ibsaniiru.
Baankiin Invastimantii Bu’uuraalee misoomaa Eeshiyaa ijaarsa Annisaa Haaromuu, walitti Hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa naannawichaa,Piroojektoota Itiyoophiyaan hojjetaa jirtu tumsuuf murannoo qabaachuu Pireezidaantiin baankichaa daawwannaa tibba darbe Itiyoophiyaatti taasisaniin mirkaneessuu himaniiru.
Torbee muraasa darbe keessa qofa dhaabbileen 20 ol Itiyoophiyaatti hojiilee misoomarratti bobba’uuf daawwannaa qophii duraa taasisuu himaniiru.
Akkasumas Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota lamaa fi Hoggantoonni Olaanoon Ministeera Dhimma Alaa biyyoota 9 Itiyoophiyaa daawwachuu isaanii Ambaasaaddar Nabiyaat eeraniiru.
Dhaga’amummaan Itiyoophiyaan gama Dippiloomaasii Siyaasaan naannawichatti qabdu dabalaa dhufuu dubbachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia