Fooyyeessi Diinagdee Gooroo taasifame diinagdeerratti jijjiirama qabatamaa fideera – Maammoo Mihiratu
Finfinnee, Mudde 20, 2017 (FMC) – Fooyyeessi Diinagdee Gooroo karaa guutuun hojiirra oole diinagdeerratti jijjiirama qabatamaa fiduu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuun ibsan.
Miseensi Koree Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuun fooyyessa imaammata Diinagdee Gooroorratti taasiifame ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Fooyyessi taasifame jijjiirama seenaa qabeessaa fi bu’aa qabatamaa galmeessuu himaniiru.
Keessattuu fooyyessi Imaammaata Maallaqaarratti taasiifame daballii gatii dandamachuuf haala dandeessisuun gaggeeffamuu fi bu’aa qabatamaanis argamuu eeraniiru.
Fooyyessichaan booda daballiin gadii 30 % irraa gara 16% gadi bu’uu himaniiru.
Fooyyessi sharafa alaarratti taasiifame Diinagdee biyyaarratti jijjiirama bu’uuraa fiduu eeruun, yeroo itti aanu daballii gatii fi qaala’iinsa jireenyaa caalmaatti sirreessuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.
Akkasumas kuufamni itti eeggannoo sharafa alaa 200 % tti akka guddatu taasisuu ibsuu TOI gabaaseera.
#Oromiyaa #Ethiopia