Fooramiin Qunnamtii Uummataa fi Miidiyaalee Afaan Oromoo hundeeffame
Finfinnee, Guraandhala 16, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti dhaabbileen sabquunnamtii dantaa waloo Oromoo irratti qindoominaan hojjechuuf “Fooramii Qunnamtii Uummataafi Miidiyaalee Afaan Oromoo” hundeeffameera.
Waltajjii hundeeffama fooramichaarratti Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan, odeeffannoon waqtaawaa fi dhugaa ta’e hawaasaan ga’uuf miidiyaalee waliin qindoomina cimaan hojjechuun murteessaa ta’uu himan.
Fooramiichis dhugaa uummatichaa mul’isuu, biyya sabdaneettii ijaaruu, hawaasni sochii siyaas-dinagdee fi hawaasummaa keessatti akka hirmaatu taasisuu, odeeffannoowwan sobaa fi burjaajii uuman ittisuuf miidiyaalee waliin qindoominaan hojjechuuf kan kaayyeffate ta’uu ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.