Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Qabeenya Tuurizimii Itiyoophiyaa beeksisuu Beejingitti gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Qabeenya Tuurizimii fi filmaatawwan invastimantii Itiyoophiyaan qabdu lammiilee Chaayinaaf beeksisuuf Fooramiin Piromooshinii Tuurizimii Chaayinaa Beenjingitti gaggeeffameera.

Fooramicharratti dhaabbiilee daawwachistootaa Chaayinaa fi qooda fudhattoonni damee Piroomooshinii Tuurizimiirratti hojjetan argamuu ragaan Ministeericharra argame ni mul’isa.

Ministirri Ministeera Tuuriizimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii, qabeenya tuuriizimii Ityoophiyaa, omishaalee fi carraalee Invastimantii akkasumas xiyyeeffannoo addaa Mootummaan Itiyoophiyaa damee misooma tuurizimiif kennerrattis ibsa laataniiru.

Itiyoophiyaatti daawwatoota Chaayinaaf omishaalee fi tajaajiloota tuuriizimii filatamoo ta’an babal’isaa jiraachuu eeruun, bakkeewwan hawwata tuuriizimii Itiyoophiyaa akka daawwataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Hariiroo fi tumsa tuurizimii biyyoota lameen gidduu jiru caalmaatti cimsuun akka barbachisuus eeraniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.