Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Mootummaa fi Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa Godina Arsii Lixaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2014 (FBC)- Fooramiin Mootummaa fi Dhaabbilee Siiviilii Hawaasaa Godina Arsii Lixaa Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffamaa jira.

Fooramiicharratti  Dhaabbileen Miti-Mootummaa fi Siviilii Hawaasaa garagaraa  argamaniiru.

Godina Arsii lixaatti hojiirra oolmaan Birrii biiliyoona 2.3 ol ramadee tures gamaaggamameera.

Itti aanaan Bulchaa godina Arsii Lixaa Obbo Ahmad Haajii projeektiiwwan kunneen kiyya jennee gamaaggamaa deemuun, maallaqaa kana sirnaan hojiirra oolchuun rakkoolee hawaasaa furuu qabna jedhaniiru.

Keessattuu rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu, fayyaa fi barnootaaf xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjetamuu qaba jedhameera.

Hoogganaa Waajjira maallaqaa godinaa Arsii lixaa obbo Ibraahim Idin dhaabbilee kunneen godinichatti kan biyya keessaa 34 fi kan Addunyaa 20 kan argama yoo ta’u, projeektota 90 maallaqaa biiliyoona 2.3n sochoosu jedhaniiru.

Proojektoonni kunneenis aanaalee godinichaa 15 keessatti hojjetu jedhameera.

Jibriil Huseentu gabaase

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.