Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin marii bishaanii, dippilomaasii bishaanii fi dhimmoota kominikeeshinii Baahirdaaritti eegalame

Finfinnee, Fulbaana 5, 2015 (FBC)-Fooramiin marii bishaanii, dippilomaasii bishaanii fi dhimmoota kominikeeshinii Baahirdaaritti eegalame

Fooramichi Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Yuunivarsitii Baahirdaar waliin ta’uun kan qophaa’e ta’uun eerameera.

Ministir Deetaan Ministeera Bishaanii fi Inarjii Asfaawu Dingaamoo, laggeen Ityoophiyaa hedduun gara biyyootaa ollaatti yaa’u jedhan.

Qabeenya bishaanii daangaa ce’oo misoomsuu fi itti fayyadamuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu eeran.

Qabeenya bishaanii haqa qabeessummaan fayyadamuuf gaheen miidiyaa olaanaa ta’uu kaasanii, gabaasaaleen dhimmoota bishaaniin walqabatanii tamsaa’an qajeelchuuf fooramichi kan kaayyeffate ta’uu dubbataniiru.

Fooramichi damee misooma bishaanii fi inarjiirratti hayyoota, hayyootaa dippiloomaasii bishaanii, hirmaattota marii Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophitaa akkasumaa ogeeyyii kominikeeshinii hammachuun kan hundeeffameedha.

Keessumaa gama misooma qabeenya bishaanii fi inarjiin, hidha guddichaa fi laggeen daangaa ce’oon walqabatee hayyoonni damechaa, hirmaattota damecha fi qaamolee miidiyaa gidduutti hojiilee hojjetamuu qaban irratti kan xiyyeeffatamu ta’uu eerameera.

Fooramii kanarratti miidiyaaleen biyya keessaa fi alaa akksumas hayyoonni hedduun hirmaachaa jiraachuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.