Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin magaalotaa gaggeeffamaa ture goolabame

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC)- Fooramii magaalotaa 9ffaan Naannoo Kibba Itiyoophiyaa Magaalaa Walaayittaa Sooddootti Guraandhala 9 irraa eegaluun gaggaggeeffamaa ture goolabameera.

Fooramicharratti Magaalotni 150 olii fi dhaabbileen garaagaraa 20 ol hirmaataniiru.

Fooramichaan magaalonni gareewwan 4’tti qoodamuun waldorgomaa turaniiru.

Kantiibaan Walaayittaa Soddoo Obbo Saamu’eel Fooloo haasaawaa taasisaniin kaayyoon fooramichaa magaalota Itiyoophiyaa teeknooloojiin tokkoomsuuf akka ta’e dubbatan.

Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin gama isaaniin fooramichi muxaannoo waljijjiiruun guddina biyyaatiif gahee olaanaa qaba jedhan.

Dabalataan, harka qabannee hojiiwwan misoomaa hojjechuun yeroon isaa amma jedhaniiru.

Hojiiwwan misoomaa fi manneen jireenyaa karaa hawaasichi fayyadamuun hojjetamaa jiraachuu kan dubbatan Aadde Caaltuun, iddoowwan balfi itti gatamu misoomsuun iddoo hawwata tuurizimii fi magariisaa ta’uus himaniiru.

Fooramicharratti Magaalaan Finfinnee, Magaalaan Shaggarii fi Magaalaan Walaayitaa Sooddoo badhaafamaniiru.

Dabalataan ulaagaa dorgommii dhiyaateeen magaalonni ramaddii isaaniin madaalamaniiru.

Haalama kanaan ramaddii 1ffaan Adaamaa, Hawaasaa fi Dassee, ramaddiin 2ffaan Buttaa Jiraa, Baalee Roobee fi Naqamtee Ramaddii 3ffaan Kamisee, Waraabee fi Limmuu Gannar, Ramaddii 4ffaan Koonsoo Kaaraat, Gilgel Balasii fi Imdibir sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa ba’uun dorgommicha injifataniiru.

Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa bara dhufuus naannoo Afaar Samaraatti akka gaggeeffamu eerameera.

Tasfaayee Ijjiguutuu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.