Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Magaalota Afrikaa boru Finfinneetti gaggeeffamuu eegala

Finfinnee, Hagayya 28, 2016 (FBC)- Fooramiin Magaalota Afrikaa jalqabaaf boruu Finfinneetti gaggeeffamuu eegala.

Fooramichi mata duree “Misoomaa Magaalotaa Waaraa Ajandaa Ce’umsaa Afrikaa 2063’f“ jedhuun kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Fooramichi Hagayya 29 hanga Qaammee 1, 2016’tti kan gaggeeffamu fi biyyoonni Afrikaa 47, kantiibonni magaalotaa Afrikaa 30 ol, barattoonni, qorattoonnii fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu kan irratti hirmaatan ta’uu himameera.

Dabalataan hirmaattoonni biyyoota addunyaa biroorraa kuma 1 fi 500 ta’an kan hirmaatan ta’uu TOI gabaaseera.

Fooramichi yaadannoo Injifannoo Adwaatti kan gaggeeffamu yoo ta’u, Itiyoophiyaan faayidalee dippiloomaasummaa, siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa ni argattiin eegama.

Kana malees muuxannoo ishee qooduun magaalota gitaa Afrikaa waliin muuxannoo akka waljijjiiran eegama jedhameera.

Waltajjichaan magaalonni akka of beeksisan haalli mijachuu eerameera.

Jiraattoonni Magaalaa Finfinnees keessummoota faaraa gaariin akka simatan waamichi dhiyaateera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.