Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Magaaloota Afrikaa guddina fulduraa magaaloota Ardichaaf kallattii kan kaa’u ta’uun ibsame

Finfinnee, Hagayya 11, 2016 (FBC)- Fooramiin magaaloota Afrikaa hammattoo ajandaa 2063’n magaaloota Ardiichaa guddina fulduraaf kallattiin kan itti kaa’aamu ta’uu Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin ibsan.

Fooramichi Hagayya 29 hanga Qaammee 1, 2016’tti mata duree “Guddina magaalummaa waaraa ajandaa ce’umsaa Afrikaa 2063’f” jedhuun gaggeeffamuuf qophiin xumuramuun ibsameera.

Fooramicharratti biyyoonni garaagaraa fi hoggaantoonni dhaabbiilee Idil Addunyaa garaagaraa kan hirmaatan ta’uu ibsuun, fooramichi guddina magaaloota Afrikaaf kaka’umsa kan uumu ta’uun ibsamuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.