Fooramiin lammiilee paarlaamaa jalqabaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Sadaasa 25, 2017 (FBC) – Dhimmoota biyyaalessaa fi Ardiirratti kan xiyyeeffate Fooramiin lammiilee paarlaamaa jalqabaa gaggeeffamaa jira.
Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo, Miseensonni mana marichaa, ministiroonni, hayyoonni,Hoggantoonni Dhaabbilee Miidiyaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.
Waltajjii yaadonni badhaadhina biyyaaf tumsan itti dhiyaatan ta’uu Af Yaa’ii Taaggasee Caafoon himaniiru.
Waltajjii Carraan tumsaa fi walkabajuu caalmaatti itti uumamuudha jedhan.
Dhimmi Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa fooramicharratti ajandaa marii ta’ee filatamuu eeruun, Hidhaan Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa akka Afrikaatti madda Anniisaa guddaa ta’uurra darbee mallattoo danda’uu fi abdii ummata Itiyoophiyaati jedhan.
Fooramiin kun ji’a ji’aan dhimmoota biyyaa fi ardichaaf fayyadanirratti kan mari’atu ta’uu himaniiru.
Barakat Takkaalinyitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia