Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin itti fayyadama qabeenya Bishaanii fi Inarjii 11ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2015 (FBC) – Fooramiin itti fayyadama qabeenya Bishaanii fi Inarjii 11ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Fooramichi mata duree “Milkaa’ina galmoota misooma waaraa saffisiisuu fi hojiirra oolmaa galmootaa”jedhuun gaggeeffama jiraachuun ibsameera.

Fooramicharratti Ministira Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa, Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa dabalatee angaa’oonni olaanoo Mootummaa fi dhaabbileen Siiviikii biroon argamaniiru.

Fooramichi guyyoota lamaaf kan turu yoota’u, dhimmoota itti fayyadama qabeenya bishaaniirratti mariin bal’inaan kan taasifamu ta’uu ragaan Ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.