Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Investimentii Oromiyaa diyaaspoorota hirmaachise ta’ameera

Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC) – Fooramiin Investimentii Oromiyaa diyaaspoorota waamicha Muummee Ministeraa Abiy Ahimad fudhachuun gara biyya galan hirmaachise ta’ameera.

Sirni simannaa lammiilee diyaaspooraa Oromiyaa  Magaalaa Finfinnee Hoteela Hayyt Regencytti gaggeeffameera.

Diyaaspooronni yeroo Ityoophiyaan  rakkoo keessa seentee turtetti wabii ta’uun dhugaa Ityoophiyaa addunyaaf ibsuu  Waajjira preezdaantii MNOtti, Daayrektarri  Daayreektoreetii dhimmaa diyaaspooraa fi pirees sekeretarii Preezdaantii Obbo Amiin Jundii ibsaniiru.

Oromiyaan dachee hojii investimentiif mijoofte ta’ uu Hogganaan Biiroo Investimentii fi Industirii Oromiyaa Dooktar Tashoomaa Addunyaa eeraniiru.

Oromiyaan warra hojii Investimentiirratti hirmaachuu barbaaduuf balballishee banaa tahuu eeraniiru.

Diyaaspooronni Ityoophiyaa  gootota gaafa xiiqii wayita humnoonni alaa fi ergamtoonni isaanii baandonni akka juuntaa fi shanee Ityoophiyaa  diiguuf tattaffatanitti wabii ta’uu Sadarkaa Ittaanaa Preezdaantiitti qindeessaan kilaastera misooma Magaalaa Obbo Addisuu Araggaa ibsaniiru.

Oromiyaan  naannoolee biyyattii jiran keessaa sochii Investimentiin jalqabarratti kan argamtu ta’uu fi ammas naannoo investimeetiif baay’ee mijooftuu taate ta’uun mootummaan naannichaa  lammiilee diyaaspooraa naannichatti hojiilee  invastimanttiirratti bobba’uubarbaadaniif deeggarsa barbaachisu taasisuun kan jajjabeessu ta’ uu ibsuu isaanii ragaan waajjira Preezdaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.