Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Invastimantii “Invasti Orijins 2023” magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 18, 2015(FBC)- Fooramiin Invastimantii “Invasti Orijins 2023” gahumsa invastimantii Ityoophiyaa beeksisuun invastimantii harkisuurratti kaayyeffate  magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Fooramicharratti Invastaroonni, ogeeyyiin diinagdeefi dhaabbileen idil addunyaa hirmaachaa jiru.

Fooramichi gahumsaafi haala mijataa biyyattiin invastimantiif qabdu kan beeksisu ta’uu eerameera.

Fooramicharratti haasawaa baniinsaa kan taasisan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, Abbootiin qabeenyaafi dhaabbileen alaa invastimantiin damee fayyaarratti akka bobba’an gaafataniiru.

Mootummaan damee fayyaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraatus daran bu’aa qabeessa taasisuuf hirmaannaan damee dhuunfaa barbaachisaa ta’uu Dooktar Liyaan kaasaniiru.

Abbootii qabeenyaa damicharratti bobba’an jajjabeessuuf fooyya’iinsi imaammataafi hojiilee biroon hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Ityoophiyaafi biyyoota Afrikaa birootti dhiyeessii talaallii, meeshaalee yaala fayyaafi ijaarsa bu’uuraalee misoomaa fayyaan carraa bal’aan jiraachuu eeraniiru.

Afawarq Iyyaayyuufi Adaanach Abbabaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.