Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Invastimantii Ityoo-Kooriyaa gaggeeffame

Finfinnee, Eebla 10 ,2015 9FBC)- Fooramiin Invastimantii Ityoo-Kooriyaa 2023 gaggeeffame Kooriyaa Kibbaa Magaalaa See’iilitti gaggeeffame.

Fooramichi filannoowwaniifi carraalee invastimantii Ityoophiyaa abbootii qabeenyaa Kooriyaa Kibbaaf beeksisuurratti kaayyeffachuu ibsameera.

Michummaan biyyoota lameenii damee diinagdeen daran cimee akka itti fufuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu Kooriyaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dassee Daalkeen ibsaniiru.

Abbootii qabeenyaa alaa hojiilee invastimantiin Ityoophiyaatti bobba’aniif jajjabeessituuwwan garaagaraa kan taasifamu ta’uu, fooyya’iinsi diinagdee taasifamuu, imaammanni diinagdee maakiroo mijataan jiraachuufi guddinni bu’uuraalee misoomaa jiraachuu eeraniiru.

Ittaanaan Komishinara Komishinii Invastimantii Daani’eel Tarreessaan gamasaaniin, haalli invastimantii Ityoophiyaa mijataa ta’uu eeruun, abbootiin qabeenyaa biyyattii gara Ityoophiyaa dhufaan hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an gaafataniiru.

Fooramicharratti abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa 120 oliifi hoggantoonni dhaabbilee garaagaraa kan hirmaatan ta’uufi fooramiin itti aanu Magaalaa guddoo biyyattii lammaffaa kan taate Buusanitti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Komishinii Invastimantiirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.