Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Invastimantii fi bizinasii Itiyoo-Jaappaan Finfinneetti gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 28, 2016 (FBC)- Carraalee daldalaa fi invastimantii Itiyoophiyaatti argaman beeksisuuf kan kaayyeffate Fooramiin Invastimantii fi Bizinasii Itiyoo-Jaappaan Finfinneetti gaggeeffamuu Ministeerri Dhimma alaa beeksise.

Ministeerichatti, Daayrektarri Jeneraalaa Dhimmootaa Biyyootaa Eeshiyaa Fi Paasifikii Giddugaleessa Bahaa Ambaasaaddar Gabayyoo Gaangaa waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, Itiyoophiyaan Afrikaa keessaa biyyoota guddina diinagdee saffisaa fi dandeettii misoomuu qaban keessa tokko ta’uu ibsan.

Itiyoophiyaanis Jaappaan waliin hariiroo gamlamee ishee cimsuuf kutannoo qabaachuu himaniiru.

Dandeettii misoomuu Itiyoophiyaa jiru ilaalchisuun bu’aalee kalaqa teeknooloojii Jaappaan waliin ida’amee hariiroo dinagdee biyyoota lameenii cimsuuf dandeettii olaanaa akka uumu akeekaniiru.

Jaappaanitti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dhaabaa Dabaleen gama isaaniin, fooramichi hariiroo biyyoota lameenii dameewwan garaagaraan cimsuurra darbee damee qonnaa, tuuriizimii, maanufaakchariingii, albuudaa fi Teeknooloojii Quunnamtii Odeeffannoon dandeettii Itiyoophiyaa fooyyessuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Fooramichi carraalee daldalaa fi invastimantii, onnachiistuu invastimantii alaa, seerotaa fi dambiiwwan jiran irratti ibsi kennamuun, marii bal’aan gaggeeffameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.