Fana: At a Speed of Life!

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Biyyoota Afrikaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf qophiidha-L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Mudde 4, 2016 (FBC)- Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa dameewwan hundaan biyyoota Afrikaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf qophii ta’uu Ajaajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan dubbatan.

Fooramiin Ajajoota Humna Qilleensaa Afrikaa jalqabaa gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Fooramicharratti Ajajoonni Humna Qilleensaa Biyyoota Afrikaa, hoggantoonni dhaabbilee aviyeeshinii fi Ataasheewwan biyyoota garaagaraa argamaniiru.

Leetenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasan waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, Itiyoophiyaan biyya bilisummaa ishee eeggachuun koloneeffattummaaf hinjilbeeffanne ta’uun kan beekamtudha jedhan.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humna nagaa biyyaa eeguurra darbee leenjii ogummaa biyyoota obbolaatiif kennaa jiru ta’uu himaniiru.

Tumsa taaisaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneessanii, fuuldurattis hojiilee eegale cimsuun dameewwan hundaan biyyoota Afrikaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Humni Qilleensa Itiyoophiyaa jijjiirama biyyatti taasifameen irra deebiin of ijaaruu akka danda’e Leetenaal Jeneral Yilmaan himaniiru.

Guyyaan hundeeffama Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa waggaa 88ffaan Sadaasa 20 irraa eegaluun sagantaalee garaagaraatiin kabajamaa jira.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.