Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin dippiloomaasii saayinsawaa  Ityoo-Paakistaan hundeeffamuuf ta’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 6, 2014 (FBC) – Fooramiin dippiloomaasii saayinsawaa  Ityoo-Paakistaan hundeeffamuuf ta’uu ibsameera.

Fooramichi biyyoonni lameen  dhimmoota saayinsiirratti muuxannoo qaban akka wal jijjiiranii fi waliin hojjetan kan dandeessisu ta’uu ibsameera.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaa Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Paakistaan Shoozaab Abbaas waliin haala hundeeffama fooramichaa fi gama saayinsii, teekinooloojii fi innooveeshiniin haala Ityoophiyaa fi Paakistaan waliin hojjechuu danda’anirratti mari’ataniiru.

Marichaan fooramicha hundeessuuf waliigaltewwan kanaan dura turan cimsuun gara hojiitti kan galamu ta’uu Dooktar Ballaxaan himaniiru.

Fooramichi biyyoota lameen gidduutti ce’umsa beekumsa  saayinsii fi teekinooloojii taasisuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

Milkaa’ina fooramichaaf Ityoophiyaan ga’ee irraa eegamu kan ba’attu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Paakistaan Shoozaab Abbaas gamasaaniin, Fooramichi dameewwan ijaarsa Aay Ti fi diinagdee diijitaalaa, eegumsa naannoo, teeknooloojii bishaanii, fayyaa fi  kanneen biroorratti qorannoo fi qo’annoo kan taasisuu ta’uu ibsuu isanii ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.