Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin dippiloomaasii Ityoo-Jibuutii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2015 (FBC)- Fooramiin dippiloomaasii fi hariiroo ummataa fi ummataa Ityoo-Jibuutii Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Ministir Deetaan Minsteera Dhimma Alaa Ambaasaddar Burtukaan Ayyaanoo, Jila Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Biyya Keessaa Jibuutii Siraaj Omaariin durfamu dabalatee bakka bu’oonni IGAD argamaniiru.

Fooramichi hariiroo ummattoota Ityoophiyaa fi Jibuutii gidduu daran cimsuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Ambaasaddar Burtukaan Ayyaanoon, biyyoonni lameen dhimmoota daldalaan, hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaan kan walitti hidhaman ta’uu himaniiru.

Hariiroon ummatoota biyyoota lameeniis, michummaa cimaa fi seenaarratti kan bu’uureffate ta’uu ibsaniiru.

Waltajjicharratti hariiroo ummataa, yaa’iinsaa naannawaa, jijjiirama qabeenya qilleensaa fi muuxannoo Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa fi Jibuutii irratti barreeffamni dhiyaachuun mari’atamaa jiraachuun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.