Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin daldalaa fi invastimantii Ityoophiyaa fi Afrikaa kibbaa gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 18, 2013 (FBC) – Fooramiin daldalaa fi invastimantii  Ityoophiyaa fi  Afrikaa kibbaa viidiyoo konfiraansiin gaggeeffameera.

Ministir deettaan Ministeera Daldalaa fi Invastimantii Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa Ityoophiyaa fi Afrikaan kibbaa hariiroo cimaa qabachuu isaanii ibsuun, hariiroo daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaanii guddisuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hojjechuu qabu jedhaniiru.

Abbootiin qabeenyaa Afrikaa Kibbaa haala mijataa Ityoophiyaa keessaa jirutti akka fayyadamanii fi misoomarrati akka bobba’aan waamichaa dhiyeessaniiru.

Afrikaa kibbaatti angaa’aan guutuu Ityoophiyaa ambaasaaddar Dooktar Shifarraaw Taklamaariyaam hariiroo bizinasii fi diinagdee biyyotaa lamaan gidduu jiru sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kan dandeessisaan yaada adda addaa dhiyeessaniiru.

Afrikaa kibbaatti daayrektaarri olaanaan ministeeraa daldalaa fi invastimantii Joon Rooch, Ityoophiyaan Afrikaa kibbaaf gargartuu imammataa ta’uu ishee ibsuun, Ityoophiyaatti haalli gabaa mijataa, invastimantii fi bizinaasii jiraachuusaa ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.