Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Carraa fi haala mijataa Invastimantii damee Fayyaa Ityoophiyaarratti xiyyeefate Dubaayitti gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 6, 2014 (FBC) – Fooramiin Carraa fi haala mijataa Invastimantii damee Fayyaa Ityoophiyaa beeksiisuurratti xiyyeefate bakka Invastaroonni keessaa fi alaa argamanitti Dubaayitti gaggeeffameera.
Ityoophiyaa fi Imireetoonni Araba Gamtoomanii damee daldaldaa, Invastimantii, Diinagdee fi Hawaasummaan biyyoota tumsaa fi hariiroo gaarii qaban ta’uu Duubaayii fi Kaaba Imiireetootaatti bakka bu’aan Qoonsilaa Jeneraalaa Ityoophiyaa obbo Abbabaa Maabraatuu ibsaniiru.
Abbootii qabeenyaa Imireetootaa damee Invastimantii Faarmaasiiyuutiikaalii fi fayyaarratti hojjetaniif mootummaan deeggarsa kan taasiisu ta’uu mirkaneessaniiru.
Hojii raawwachisaan Misooma Paarkiwwanii Indaastirii obbo Saandookaan Dabbabaan gama isaaniin abbootiin qabeenyaa Imireetoota Araba Gamtoomanii, abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa damicharratti bal’inaan akka hojjetan gaafataniiru.
Deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiisan ta’uu mirkaneessuu isaanii ragaan Duubaayii fi Kaaba Imireetootaatti waajjira Qoonsilaa Jeneraalaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.