Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin baqattoota idil addunyaa Jeeneevaa Swiizarlaanditti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Muddee 7, 2012 (FBC) – Fooramiin baqattoota idil addunyaa Jeeneevaa Swiizarlaanditti gaggeeffamuu eegale

Jilli Ityoophiyaa itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnaniin duurfamu fooramii baqattootaa kanarratti hirmaachuuf kaleessa Swiizarlaand galuun isaa ni yaadatama.

Obbo Dammaqaan fooramicharratti haasaa ni taasisuun eegamu.

Dhaabbilee deeggarsa namoomaa idil addunyaa teessoo isaanii Jeeneevaa godhatan waliinis ni mari’atu.

Baqattoota heedduu simattee keessummeessaa waan jirtuuf Afrikaa bakka bu’uun kan filatamte Ityoophiyaa qofa jedheera Waajjirri Itti Aanaa Muummee Ministiraa.

Ityoophiyaan lammiilee biyyoota 29 dhufan, miiliyoona 1tti siqan simattee keessummeessaa jirti.

Obbo Dammaqaan kaleessa galgala daayreektar janaraala Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Teediroos Adihaanoom waliin mari’ataniiru.

Uwwisa fayyaa, eegumsa fayyaa duursaa, nyaata madaalawaa, dhiyeessii faarmaasiitiyuukaalirratti mari’ataniiru.

Dhaabbatichi Ityoophiyaa waliin hojjechuu kan itti fufu ta’uun ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.