Fana: At a Speed of Life!

Finxaaleyyiin Girmaa Ajjeessanis Kaayyoon inni dhaabbateef itti fufa – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Eebla 22, 2015 (FBC) – Finxaaleyyiin Girmaa Ajjeessanis Kaayyoon inni dhaabbateef itti fufa jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Girmaa Yeshixilaan nama ejjennoo cimaafi dhugaaf jiraate ta’uu eeraniiru.

Girmaan hogganaa ummata tajaajiluuf daangaan hin daangeffame hogganaa hunda galeessaa kan turan ta’uu kaasaniiru.

Ilaalchaa fi gochaa Finxaaleyyii cabsuun imala Badhaadhinaa fi tokkumma sabdaneessaa Ityoophiyaa Obbo Girmaa Yeshiixilaan wareegamaniif galmaan ni geenya jedhan sirna gaggeessaa Reeffa isaa Addabaabayii michummaatti taasifamaa jirurratti.

Obbo Girmaan nama ilaalcha yaadaa fi yaada qofaan mo’achuutti amanuun tokkummaa sabdaneessaa biyyattiif dhama’aa turan ta’uu sirna gaggeessarratti ibsameera.

Badhaadhina ummataa mirkaneessuuf wareegama kamiiyyuu kaffaluuf nama sodaa tokko malee murannoo fi ejjennoon qabsaa ture ta’uu waahillan isaa ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.