Fana: At a Speed of Life!

Finxaaleessuummaan Ityoophiyaa diiga malee hin ijaaru – Aadde Adaanach

Finfinnee, Muddee 28, 2013 (FBC) – Hawaasni ijaarsaalee naannoo isaa jiru keessatti hirmaachuun misoomarraa fayyadamoo ta’uu akka qaban itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee waamicha dhiyeessaniiru.
Aadde Adaanach ijaarsaalee bakka bu’oota hawaasaa bilookiwwan kutaalee magaalaa hunda keessaa walitti babba’an waliin hirmaannaa fi fayyadamummaa hawaasarratti mari’ataniiru.
Haala qabatamaa Ityoophiyaan finxaaleessummaan biyya diiga malee hin ijaaru jedhan.
Jijjiirramichi wareegama hedduu kaffalus murannoo qabuun gaaga’ama biyyarra ga’uu danda’u hambiseera jedhan.
Ijaarsaaleen bilookiwwan gadii nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu keessatti hojiin hojjete jajjabeessa ta’uu eeraniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee obbo Mallas Alamuu gama isaan, Ityoophiyaa ijaaruuf hirmaannaan qaama hundaa murteessaa ta’uu himaniiru.
Ijaarsi bilookiwwanii gochaawwan badii magaalichaa qunnamu danda’u fashaleessuu eeraniiru isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesiirraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.