Fana: At a Speed of Life!

Finxaaleessummaan aantee hin qabu! – BMNO

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa Saba fedhe keessaa yoo ba’e ilaalchii fi gochi finxaaleessummaa farra ummataati jedhee kan amanu ta’uu ibseera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala yeroo ilaalchisee ibsa baasera.
Guutuun ibsichaa haala argamaan gadiin dhiyeeteera.
Ityoophiyaan biyya sab-daneettiifi af-daneettii wareegama qaalii ilmaan ishee kaffalaniin ijaaramaa as geessee dha.
Qormaatilee danuu diiguumsaaf ishii kaadhiman hunda injifannoodhaan dabartee boqonnaa kana geessee jirti. Har’as qormaata keessa teessee daandii Ida’amuutiin gara badhaadhinaati cehuuf gidiraa hedduu waliin wal-aansoo wal-qabdee jirti.
Boqonnaawwan seenaa dabarsine hunda keessatti maddeen saaxilamummaa keenyaa karaa guutuu ta’een cufnee darbuu dadhabuun keenya yeroo hundumaa marammartoo waraanaafi wal-dhabdee keessaa akka hin baane nu taasisee jira.
Seenaa waloo keenyarratti wal-hubannaa uumnee seenaa biraa hojjechuu mannaa seeneessa mata mataa keenyaatiin bitaa mirga wal-harkisuutu mu’ata. Sab-daneessummaa fi af-daneessummaa faayaa bu’uura miidhagina keenyaa goonee akka carraa gaariitti ilaallee itti fayyadamuurra madda rakkoo godhanii ilaaluun gatii hin malle biyya kaffalchiisaa turee jira.
Sababa kanaan akka biyyaatti dhimmoota waloo waliigalteen irratti hin uumamne marii biyyaaleessaatiin hiikuuf sosochin jalqabame abdachiisaa dha. Mootummaan Naannoo Oromiyaatis mariin biyyaaleessaa kun milkaa’ee wal-dhabdeen biyyaaleessaa yeroo hundumaa sababa kanaan ka’u yeroo dhumaatiif akka cufamuuf deeggarsa ol’aanaa taasisaa jira.
Kun kanaan osoo jiruu, faallaa kanaatiin ammoo kaansariin obolummaa fi tokkummaa biyya keenyaa kan ta’e finxaaleessummaan kan yeroo kamiyyuu caalaa hidda dheereffatee madda du’aatii fi buqaatii lammiilee ta’ee jira.
Kaleessarraa jalqabee hanga har’aatti dhugaan ummattoota gidduu jiru oboluummaa, tokkummaa, birmadummaa fi kabaja biyya ofittiif waliin du’uu ta’ullee, finxaaleeyyiin seeneessa mata mataa isaanii bocanii ummata keessa facaasuun badii baay’ee sukaneessaa ta’e qaqqabsiisaa jiru.
Akeekni isaanii ijoon Ummata Oromoo fi Ummata Amaaraa walitti buusuun biyya diiguuf ni salphata jedheemee shira duursee wixinaa’e milkeessuu dha. Sochii finxaaleeyyii kana tokkummaadhaan bakka tokkotti yoo hin dhaabsifne seenaan sababa kanaan galmaa’aa jiru dhaloota waan gaarii hin barsiisu.
Rakkoo kana hammeessaa kan jiru ammoo hubannaa fi ejjennoon akka biyyaatti finxaaleessummaarratti jiru wal-fakkaataa ta’uu dhabuu isaati. Finxaaleessummaan saba fedhe keessaa yoo bahe, amantii kamuu maqaa yoo dhahate ka’umsifi gochi isaa farra ummatummaa of keessaa qaba jedhanii fudhachuu mannaa gamaa gamana quba walitti qabuun baay’achaa dhufeera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa Saba fedhe keessaa yoo bahe ilaalchii fi gochi finxaaleessummaa farra ummataati jedhee amana.
Kun ta’uu isaatiniis dararaa humni Shoroorkeessaa SHANEE ummata Oromoo fi sabaaf sablammii biroorraan gahu hanbisuuf aarsaa guddaa kaffalaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa sadarkaa kanatti aarsaa kaffalaa kan jiruuf finxaaleessummaan akka biyyaatti nu diiga amantaa jedhurraa ka’uuni malee, karaa biraatiin Finxaaleeyyiin Maqaa Amaaraatiin socho’aniif carraa biraa umuufi miti.
Humni finxaaleeyyii maqaa Amaaraatiin socho’an garuu qabatamaatti diina ummata Amaaraa fi sabaafi sablammii biyya kanaa ta’an, gochaan isaan, Naannoo Oromiyaa seenuun ummata Nagaafi qaama nageenyaarratti raawwatan ummata Oromoo dallansee jira.
Kanaaf, humni kun ifatti hidhannoodhaan Naannoo Amaaraa keessa yommuu socho’u, Miidiyaa Mootummaa Naannichaa dabalatee miidiyaalee ergama finxaaleessummaa raawwachiisanitti bahuun gochaa saalfachiisaa raawwatan yommuu lallaban, ifatti dubbii jibbiinsaa fi karoora waraanaa yommuu dubbatan callisanii ilaaluun sirrii akka hin taane Mootummaan Naannoo Oromiyaa hubachiisuu barbaada.
Sabdaneessummaa fi af-daneessummaan bu’uura cimaa tokkummaa Itoophiyaati. Wal-kabajuu, dantaa walootiif waliin dhaabachuun, garaagarummaa caalaa duudhaa gaarii waloo jabeeffachuun murteessaadha.
Finxaaleessummaan sabaa fi amantii hin qabu. Anteefi firri inni fayyadu hin jiru.
Hanga farra ummataa ta’etti ejjennoo wal-fakkaatuun irratti qabsaa’uun tokkummaa fi obolummaa ummattoota biyya keenyaa haa ijaarru!
Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Finfinnee
Bitooteessa 26, 2014
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.