Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa kan hojjetu dhalootaf malee filannoofii miti – MM Dr Abiy

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa kan hojjetu dhalootaf malee filannoofii miti jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.
 
Finfinneetti waltajjiin hubannaa uumuu Paartii Badhaadhinaa mata duree “Waloon gara badhaadhinaatti” jedhuun qophaa’e Galma Barkumeetti gaggeeffameera.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy waltajjicharratti argamuun haasaa taasisaniin Paartiin Badahaadhinaa filannoo caalaa jijjiirrama dhalootatti ce’uuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
 
Yaada, hojimaataa fi ilaalcha paartichaa waggoota 50 fi 60 keessatti injifachuun ni ulfaata; ana injifatanis yaada badhaadhinaatin ala Ityoophiyaa baatidhaaf bulchuunuu itti ulfaata jedhaniiru.
 
Badhaadhina yakkuun osoo hin taane, kana booda irraa baratanii yaada fooyya’aa dhiyeessuu qofatu sadarkaa hoggansa Ityoophiyaan nama ga’a jedhaniiru.
 
Dargaggoonni yeroo filannootti dorgomtootaf sagalee isaanii malee lubbuu isaanii laachun irra hin jiraatu jedhaniiru.
 
Qaamoleen walajjeechaan taayitaa qabachuu barbaadan biyyaafis dhalootafis hin ta’an; dargaggoonni yoo jaalattan Badhaadhina filadhaa yoo jibbitan kaardii keessaniin adabaa jedhaniiru.
 
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kanaan dura sadarkaa kutaa bulchiinsaa fi aanaaleetti marii hubannaa uumuu gaggeessaa tureera.
 
Waltajjiin har’aas sagantaa fi seera ittiin bulmaataa paartichaarratti hubannaa uumuuf kan qophaa’edha.
 
Marichi kanaan dura sadarkaa garaagaraatti taasifamaa kan ture yammuu ta’u, kan har’aa kan goolabaati.
 
Waltajjiin har’aa bakka muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaa fi hoggansi biroon argamanitti gaggeeffameera.
 
Waltajjii marichaarratti hoggansaa fi dargaggoonni magaala Finfinnee kuma 10 ol ta’an irratti argamaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.