Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti tajaajilli konkolaattota Baajaajii borurraa eegalee uggurame

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti guyyaa borii Guraandhala 30, 2015 irraa eegalee tajaajilli geejjibaa konkolaattota miila sadii fi afurii (baajaajii) naannawaa kamittuu yeroo murtaa’eef ugguramu Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi akka beeksisetti kenniinsa tajaajila geejjibaa baajaajii sadarkaa fooyya’aan hogganuuf hojiilee fooyyessaa hojmaataa taasisaa jira.

Haaluma kanaan, hojiin fooyyessa hojmaatichaa hanga xumuramuutti, akkasumas, barbaachisummaan tajaajilichaa qoratamee hanga murtee argatutti guyyaa boriirraa eegalee naannawaa kamittuu tajaajilli geejjibaa baajaajii kan uggurame ta’uu ibsuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.