Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti sheediiwwan Birrii biiliyoona 1.2 oliin ijaraman eebbifamanii hojiif qophii ta’aniiru-Aadde Adaanech

Finfinnee, Adoolessa 26, 2015 (FBC)-Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti baasii Birrii biiliyoona 1.2 oliin lafa karee meetira kuma 100 fi 414 irratti sheediiwwan 158 ijaaramuun eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’uu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Baatii Waxabajjii keessa sheediiwwan kuma 2 fi 389 dabarfaman dabalatee waliigalaan sheediiwwan kuma 2 fi 500 ol dargaggoota magaalattii kuma 17 fayyadamtoota taasisa jedhaniiru.

Dargaggootaa fi dubartootaaf hojiilee misoomaa bal’aa gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuun ofii isaanii fi biyya isaanii jijjiiruu akka danda’aniif bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Marii daraggootaa fi dubartootaa magaalattii waliin taasisaniin, gaaffilee bakka hojii gaafatame qabatamaan deebii hatattamaa kennaa jirra jechuun Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Pirojektota ba’aa jireenyaa salphisan ijaaruun hundaaf mijattuu kan taate “Finfinnee Miidhagduu” dhugoomsuuf tattaaffiin tajaajiluu itti fufna jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.