Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti shakkamtoonni kuma 5 fi 536 to’annoo jala oolfaman

Finfinnee, Mudde 22, 2016 (FBC)- Poolisiin Federalaa fi Magaalaa Finfinnee Opireeshinii torbee 2ffaaf gaggeessaniin shakkamtoota kuma 5 fi 536 to’annoo seeraa jala oolchuun ibsame.

Poolisiin federaalaa fi Poolisiin magaalaa Finfinnee waloon ibsa miidiyaaleef kennaniin, Magaalaa Finfinneetti Mudde 6-11, 2016’tti Kutaalee Magaalaa Finfinnee hundaatti oppireeshiniin gaggeeffamuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan Magaalattii bakkeewwan rakkoo nageenyaaf sodaa ta’aniitti manneen tapaha Jirraa kuma 1 fi 114, manneen shishaa 176, fi baalaa sammuu namaa hadoochuu kiilogiraama 73, daa’imman 164 walitti qabuun yakkaa kanneen ittiin raawwatan, daddabarsa maallaqaa fi meeshaalee waraanaa, bilbiloonni moobaayilaa 194, yakkootaa burjaajii kan ittiin raawwataman siim kaardiiwwan 181, albuudotaa farraa fayyaa namaa ta’an kuntaala 189, to’atamuun ibsameera.

Haaluma kanaa namootaa yakkaa gargaraa raawwachuun shakkaman kuma 5 fi 536 to’annoo serraa jalaa oolfamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuun eerameera.

Gammachuu Beekumaa fi Maraa’aol Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.