Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti sagantaan jalqabsiisa “Bu’aalee Misoomaa” gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)-Finfinneetti sagantaan jalqabsiisa “Bu’aalee Misoomaa” galma miliiniyamiitti gaggeeffameera.

Akkasumas Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee nyaata barattootaa fi balfa dhabamsiisuun sadarkaa Addunyatti badhaafamtuu akka taatuuf qaamolee gumaacha taasisaniif sagantaan badhaasaa fi beekamtii kennuu gaggeeffameera.

Saganticharatti Pireezidaantii FDRI Saahilawarqi Zawudee, Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoo, Afyaa’ii Mana Maree Federeesshinii Obbo Aganyawu Tashaagar, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi qondaaltonni olaanoo mootummaa biroon argamaniiru.

Saganticharratti, Pireezidaanti Saahilawarqi Zawudeen haasawaa taasisaniin, Ityoophiyaan waltajjiiwwan addunyaarratti wayita injifattu kan injifatu Afrikaa ta’uu hubanna jedhaniiru.

Finfinneen keessummoota ishee hundaa harka ishee diriirsitee kan simattu magaalaa jaalalaati jechuunis ibsaniiru.

Magaalattiif badhaasni kenname, galaa, hidhanoo, jabina nuuf ta’ee imalaa jijjiiramaa eegalle galmaan ga’uuf itti fayyamuu qabna kan jedhan ammo Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanecha Abeebeeti.

“Bu’aalee misoomaa” magaalattiitti hojiirra oolchuun lammiileen hunduu maaddii lalisee fi ollaaf ga’u akka qabaatuuf galma qabme milkeessuuf ciminaan hojjechuu qabna jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.