Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti Sagantaan Ashaaraa magariisaa boqonnaa 2ffaa gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 11, 2015 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Finfinnetti Sagantaan Ashaaraa magariisaa boqonnaa 2ffaa jalqabsiisuun gaggeeffameera

Saganticharratti Ministira Ministeera Qonna Dooktar Girmaa Amantee, Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee fi hoggantonnii olaanoo magaalicha fi fedeeralaa biroon argamaniiru.

Magaalichatti biqiltuuwwaan miiliyoona 17 dhaabuuf karoorfamuun eeraameera.

Aadde Adaanech saganticharratti, Finfinnee magariisa uwwisuun jiraattotaaf mijattuu fi Magaalaa miidhagduu taasisuuf hundi keenya biqiltuu dhaabuu qabna jedhan.

Biqiltuu dhaabuu qofaa utuu hintaane kunuunsanii akka latuu fi ija akka godhatu taasisuun ittigaafatama jiraattota hundaa ta’uu himaniiru.

Jiraattonni magaalattii sagantaa Ashaaraa Magariisa boqonnaa 2ffaa irratti hirmaachuun Ashaaraa isaanii akka kaa’an waamicha dhiyeessaniiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.