Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti qaala’iinsa jireenyaa fi shiraa gabaa ittisuuf hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti qaala’iinsa jireenyaa fi shiraa gabaa ittisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.

Koreen shira diinagdee fi qaala’iinsa jireenyaa to’atu haala bagaa bara haaraa gamaaggameera.

Qaamolee dhiyeessa Sukkaaraa fi Simmintoorratti rakkoo uumanirratti tarkaanfiin fudhatamuu Itti Aanaa Kantibaan magaalaa Finfinnee Obbo Zhaanxiraar Abbay ibsaniiru.

Muuxxannoo Ayyaana bara haaraarraa argame fudhachuun Ayyaana Irreechaa fi Daamaraarratti hanqinni dhiyeessii akka hin muudanne hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Ayyaanoota dhufanirratti gatii meeshaalee hir’isuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Obbo Zhaanxiraar eeraniiru.

Qaala’iinsa jireenyaa magaalichaa hir’isuuf bulchiinsi magaalaa Finfinnee Birrii biiliyoona 1 bittaa meeshaaleef ramaduu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.