Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti proojkatonnii 197 Birrii miiliyoona dhibba 3 miiliyoona 62 ijaarraman eebbifaaman

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC)- Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas Silki Laftootti proojaktonni 197 Birrii miiliyoona dhibba 3 miiliyoona 62 ijaarramman eebbifamuun hojiif banaa ta’aniiru.

Sirna eebbicharratti hoji gaggeessaa olaanaa kutaa magaalicha obbo Fiqaaduu Kasaahuun fi hooggantonni hojii olaanoon argamaniiru.

Kutaalee magaalaa fi aanaalee adda addatti rakkoo hawaasaa furuuf proojaktonni garagaraa qulqullinaa fi ariitiin xumuramuu qabuu jedhameera.

Hoji gaggeessaa olaanaa kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo obbo Fiqaaduu Kasaahuun, proojaktonni guyyaa har’a ijaarsii isaanii xumurraame tajaajilaaf banaa ta’aan mana barnoota, buufata fayyaa, giddugala dargaggoota fi sheedota dabalatee waliigala proojaktoonni 197 ta’uu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.