Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti namoota 500’f maaddiin qoodame

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Soomaa Ramadaanaa sababeeffachuun namoota 500’f baasii Birrii miiliyoona 6.3’n maaddii qoodeera.

Sagantaa kanaan maanguddoota humna hinqabneef zayita liitirii 5, daakuu kiiloogiraamaa 25 fi temirii kiiloogiraama 6 tokkoon tokkoo isaaniif arjoomameera.

Sagantaa maaddii qooduu kanarratti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen, maadsii qooduun lammiilee keenyaaf jalala fi kabajaa qabnuuf gochaan kan argisiifnuudha jedhaniiru.

Muummeen Ministira Abiy Ahimad temirii kaartoonii kuma 1 fi 360 maanguddootaa fi harka qalleeyiif deeggarsa taasisuun kan eerame yoo ta’u, sagantaan maddii qooduu kutaalee magalaa Finfinnee hundaatti itti fufa jedhameera.

Yeroo dhufuttis Soomaa Ramadaanaa fi Soomaa Faasikaa sababeeffachuun namootaa kuma 166 fi sagantaan maadii qooduu akka gaggeeffamu eerameera.

Balaay Takkaallinyitu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.