Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti manneen qalmaa seeraan alaa 173 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2012 (FBC) – Finfinneetti manneen qalmaa seeraan alaa 173 irratti tarkaanfiin fudhatame.

 

Biiroon Nageenyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee manneen qalmaa seeraan alaa 173 irratti tarkaanfiin fudhachuu beeksise.

 

Manneen qalmaa seeraan alaa tarkaanfiin irratti fudhatame dhaabbata qeeraa alatti qalma raawwachuun hawaasatti gurguraa kan turan ta’uu ibseera.

 

Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi  Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Komishinaar Addunyaa Dabalaa bulchiinsi magaalaichaa tattamsa’ina covid-19n walqabatee sona taasiseen warren tajaajila nyaataa kennanirratti tuqquqqii fi rakkinni qulqullinaa jiraachuu ilaaleera.

 

Manneen qalmaa seeraan alaa kunneen tajaajila qalmaa hoolaa fi re’ee %90 kan ta’an qorannoo barbaachisu otuu hin taasisiinii fi gara qeeraatti otuu hin galiin tajaajila qalmaa laacha turan.

 

Qalma loon gaanfaa %30 kan ta’an tajaajila qeeraa ala karaa seera alaan hawaasaaf kan dhiyaatu ta’uu beekameera.

 

Kanumaan walqabatee manneen qalmaa seeraan alaa 173 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.