Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti manneen barnootaa sadarkaa gadi ta’an 12 cufaman

Finfinnee, Adoolessa 6, 2015 (FBC)- Manneen barnootaa sadarkaa gadii ta’an 12 irratti tarkaanfii fudhachuu Abbaan Taayitaa To’annoo Qulqullinaa Leenjii fi Barnootaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Abbaan Taayitichaa dhimmicha iaalchisuun ibsa baaseen, aangoo fi itti gaafatamaa kennameef bu’uureffachuun manneen barnnoota dhuunfaa ulaagaa sadarkaan kaa’ameen dhaabbileef eeyyama kennuu fi haaressuu akka kennu eereera.

Kanneen sadarkaa guutanii fi dhaabbilee seeraa cabsan irratti tarkaanfii akka fudhatus ibseera.

Haaluma kanaan ulaagaa sadarkaa kaa’ame kan hinguunnee fi sadarkaa gadi ta’an manneen barnootaa 12 kan cufaman ta’uu beeksiseera.

Manneen barnootaa kunneenis bara 2016 barnootaa barsiisuu kan hindandeenye ta’uu ibsuun, ragaalee qabxii barattootaa kan ibsu barattootaa fi qaama eeyyama beekamtii kenneef akka dhiyeessan hubachiiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.